Finfinnee Keessatti Kanneen Saaminsa Qindaa’inaan Geggeessamuu fi Yakkoota Birootti Shakkaman Hedduun Qabamuun Ibsame

Your browser doesn’t support HTML5

Finfinnee Keessatti Kanneen Saaminsa Qindaa’inaan Geggeessamuu fi Yakkoota Birootti Shakkaman Hedduun Qabamuun Ibsame

Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee, komishinii poolisii federaalaa fi Seektaraa nageenyaa magaalaa Finfinnee waliin qindaa’uudhaan hojii hordoofii sakkata'insaa guyyoota 20f walitti-fufinsaan gaggeesseen namootni kumaan lakkaawamaan yakkaan shakkaman meeshaalee agarsiistu ta'aan waliin qabamanii jiru, jechuun ibsee jira.

Hogganaan qajeelcha Poolisii kutaa magaalaa Boolee Gargaaraa Komishinar Admaasuu Ifaa ibsa kaleessa madden oduuf kennaniin, “hojiin addaa qindoomina qabu kun yakkoota adda addaa magaalattii keessatti babal’achaa jiraan fi soda nageenyaa guyyaa guyyaan jiraatoonni eeruu keennan hir'isuuf jecha kutaalee bulchiinsa magaalichaa hunda keessatti rawwatame” jedhan.

Gama biraatiin magaalaa Finfinnee keessatti yakkoonni adda addaa kanneen akka hannaa, nama ukkamsuu fi miidhaa gara gara namaa irraan gahu baay’achaa akka jiran jiraattonni magaalaattii Sagalee Ameerikaaf yadaa kennaan dubbatanii jiran. Kan ibsa kaleessa kenname hordofte Tsahaay Daamxoo gabaasaa qabdi.