Debre-Birhaan fi Walloo Kaabaa Keessatti Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Faannoo Gidduutti lola Geggeesameen Namoonni Du'uun Himame 

  • VOA

Magaalaa Debre-Birhaan

Bulchiinsaa naannoo Amaaraa magaala Dabrebirihaanii fi magaalotaa walloo kaabaa keessatti argaman biroo keessaatti walitti bu’unsaa umnoottan mootumaa fi garee hidhatootaa gidduutti raawwatameen lubuun namoottaanii darbuu isaa jiraattonni himanii jiru.

Godinaa shawaa kaabaa magaalaa Debrebirhaan keessatti haleellaan guyyaa kaleesaa ganamaa kaasee amma saafaatti taasifamuu isaa kan ibsaan jiraattonni eenyumaan isaanii akka ifa ta’u hin barbaanne akka himanitii walitti bu’iinsichii kan taasifamee umnoottan mootumaatiif garee hidhatootaa Faannoo jedhamee beekamuu gidduutti akka ta’e himanii jiru.

Sagaleen Amerikaa lakkofsaa namoottan balaa Kanaan du’anii fi madaa’anii maddaawwan hospitaalaa irraa addaan baafachuu kan hindandeenyee yemuu ta’u, wiirtuun ajajaa ykn komaand poostiin naannoo Debreebirihaan ibsaa kenneen garee finxaaleyii jedhee waameen haleellaa raawatameen lubbuun namoottanii darbuu isaa beeksiseera.

Akka Ibsii dhaabata mootummaa kun beeksisetti, lola Kanaan kan ka’ee cufamanii kan turan bakkaawwan taajaajila ummaataa kan akka hoteelaa mannoottan baankii fi manoottan daladalaa garaa hojiitti deebi’anii jiru. Haalumaa walfakaatuun godina walloo kaabaa aanaa Habruu magaalaa Marsaa keessatti akkasumas, magaalaa Hurgeesaa keessaatti raayyaa ittisa biyyaa fi garee hidhaattootaa gidduutti guyyaa kaleesaa dhukaasinii taasifamaa akka ture fi miidhaan lubbuu namaatiif qabeenyaa irraa gahee akka hin ibsamne Masfin Araagee gabaasee jira.