Godinaa Kamaashiitti Tajaajilli Ibsaa Waggoota 7 Tahaniif Citee Ture Debisame, Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaa Kamaashiitti Tajaajilli Ibsaa Waggoota 7 Tahaniif Citee Ture Debisame, Jedhame

Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Kaamaashii keessatti tajaajilli ibsaa waggoota torba tahaniif citee ture torban darbe keessa deebisameera, jechuun anga’aan godinichaa fi jiraattota keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikatti himanii jiru. Tajaajilli ibsaa sababaaa dhabamuu nageenyaatiin cite ture jedhame deebisanii eegalchiisuuf shiboo elektirikaa meetira kuma 42 tahutti dhimma bahuu korporeeshinii humna ibsaa Itoophiyaatti waajjirri magaalaa Gimbii beeksiseera. Magaalaa Kaamaashiitti waajjirrisaa cufamee tures akka baname ibsee jira.