Goreen Seenaa Ishee Waliin Akka Dullattiitti Dagatamtee Hafte’ Jedhu Jiraattonni fi Ogeeyyiin Magaalaa Goree

Your browser doesn’t support HTML5

Goreen Seenaa Ishee Waliin Akka Dullattiitti Dagatamtee Hafte’ Jedhu Jiraattonni fi Ogeeyyiin Magaalaa Goree

Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Aalleef magaalaa guddoo kan taate fi dur teessoo mootummaa biyyaa taatee kan tajaajilte Goreen, seenaa qabdu waliin dagatamatee jedhu jiraattonni. Obbo Hordofaa Belaay, Itti gaafatamaan Waajjira Koomunikeeshinii Aanaa Aallee Goreen, jalqaba bara dhibba kudha sagalaffaa keessa Qoonsiilli Ingiliiz magaalattiitti banamuu hordofee giddu gala daldalaa kibba Kibba lixaa Itiyoophiyaa taatee akka turte himanii, “amma garuu, seenaa ishee waliin dulloomtee hafte” jedhu. Obbo Tamasgeen Korjee, angawaan waajjira aadaa fi Tuurizimii Godina Iluu Abbaa Booris waan jedhan qabu. Galmoo Daawit, Goreerraa qophii qindeesse qabna.