Itiyoophiyaa Xayyaara Waraanaa Marsaa 5ffaaf Fooyyeffame Ka Jabanaa Bitachuu Ishee Beeksiste

  • VOA

Itiyoophiyaan Xayyaara Waraanaa ka Jabanaa Hidhachuu Ishee Beeksiste

Itiyoophiyaan xiyyaara waraanaa SU-30 jedhamu kan marsaa 5ffaaf akaakuu fooyyeffame fi diroonii lolaa sadarkaa olaanaa bitachuuu ishee ibsiteetti. Sirna walharkaa fuudhinsa kaleessa gaggeeffame irratti kan dubbatan Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa, Fiildii Maarshaal Berhaanuu Juulaa, kan yeroo dhiyoo dabalaman kun “humna qilleensaa fi ofirraa ittisuu Itiyoophiyaan naannichatti qabdu guddisa” jedhan.

Ajajaan humna qilleensaa, Lt. Gen. Yilma Merdassa, xiyyaarri waraanaa SU-30 jedhamu kun xiyyaara lolaa gahee hedduu qabuu fi ergama qilleensa irraa fi qilleensa irraa gara lafaatti raawwachuu ka danda’u ta’uu ibsaniiru. Jeetota kana Itoophiyaan meeqa akka argatte hin beekamu jechuun Kennedy Abate gabaaseera.