Mo’iibon Muluu: Barataa Dorgommii Barnoota Herregaa Guutuu Biyyaa Injifate

Your browser doesn’t support HTML5

Mo’iibon Muluu: Barataa Dorgommii Barnoota Herregaa Guutuu Biyyaa Injifate

Dorgommii barnoota herregaa guutuu biyyaa tibbana barattoota 5000 ta’an jidduutti taasisame irratti barattoota injifatan 8 keessaa Isa tokko ta’uu isaa dubbata, barataan Mana Barumsaa Bultii Addaa Yunivarsiitii Wallaggaa Mo'iiboon Muluu. Tattaaffii dhuunfatti godhe irratti deggersi barsiisota isaa dabalamee, bu'aa gaarii argateef ka'umsa tahuullee Sagalee Ameerikaatti hime, barataan kun. Abbaa isaa fi daayirektara mana barumsaa isaa itti daballee dubbisuun qophii qindeessine qabna.