Agarsiisa Feestivaala Fiilmii Saandansi Irratti Taatoleen Hirmaatan  Paaleesxiiniin Cina Ni Dhaabbanna Jechuun Sagalee Isaanii Dhageessisan

  • VOA

Agarsiisa Feestivaala Fiilmii Saandansi Irratti Taatoleen Hirmaatan  Paaleesxiiniin Cina Ni Dhaabbanna Jechuun Sagalee Isaanii Dhageessisan

Kutaa bulchiinsa Utaah keessatti Agarsiisa Feestivaala Fiilmii Saandasi irratti kan argaman kanneen baay’inni isaanii 100 ol ta’an taatota fiilmii Meliza Barera fi Indiyaa Moree dabalatee sagalee dhageesissanii Uumma paalestiin cinaa akka dhaabbatanii fi miidiyaleen fuula isaanii gara Gaazaatti akka nanneeffataniifis waamicha dhiyyeessaniiru.

Hiriirtoota keessaa tokko Hibaa Irshaad akka ani yaadutti hawaasni Saandasi Televiziyoonaa fi Fiilmii , Miidiyaa bashanannaa fi maqaa daldalaa irratti warra dhiibbaa guddaa uumnu natti fakkaata, kun garee tokko aangomsuu qofaa miti, Waa’ee Muziliimootaas miti. Araboonni bakka tokkotti walitti dhufuus miti. Namoota asitti walitti qabamaniian yommuu argitu dhugumaanuu dhiibbaa uumuu dandeenya jechuun mormii qaban ibsataniiru.

Namoonni agarsiisa feestivaalichaa irratti argamaniiran sababa wal waraansa Garee Hamaasii fi Israa’eeliin Gaazaa keessatti dhumatii lammiilee Faalisxiin 25, 000 f sababa ta’e irratti mormii isaanii dhageessisaaniiru.