Antonii Bilinken Yeroo Addunyaan Rakkoo Cimaa Keessa Jirtutti Cicha Yunaayitid Isteetis Michooma Afrikaatiif Qabdu Agarsiisan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Antonii Bilinken Yeroo Addunyaan Rakkoo Cimaa Keessa Jirtutti Cicha Yunaayitid Isteetis Michooma Afrikaatiif Qabdu Agarsiisan

Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken Kibxata kaleessaa fi Roobii har’a, biyya Naayijeeriyaa keessatti marii taasisanii jiru. Bara 2020 irraa eegalee fonqolchawwan mootummaa biyyoota akka Maalii, Burkina Faasoo, Giinii fi Niijar keessatti raawwatamuun Afrikaa Dhihaa kutaa Saahil tasgabii dhabsiisee, yeroo yaaddoo ta’ee jirutti Bliinkeen Afrikaatti daawwannaa kana taasisaa jiran.