Gaazaa Keessatti Lakkoobsi Namoota Ajjeefamanii 26,000 Caaluu Ministriin Fayyaa Gaazaa Ibse

  • VOA

Gaazaa Keessatti Lakkoobsi Namoota Ajjeefamanii 26,000 Caaluu Ministriin Fayyaa Gaazaa Ibse

Ministeerri Fayyaa Gaazaa Jimaata har’a akka jedhetti, naannoo sanatti duula waraana ji’oota sadii oliif gaggeeffameen, lakkoofsi namoota du’anii gara 26,000 olitti kan guddate yoo ta’u, namoonni 64,400 ol madaa’aniiru.

Ministeerri Jimaata har’a ganama akka beeksisetti, sa’aatiilee darban 24 keessatti lammiileen Falasxiin 183 haleellaa Israa’el raawwateen kan ajjeefaman yoo ta’u, 377 ammoo madaa’aniiru.

Waraanni Israa’el gama isaan, haleellaa Kamisa kaleessaa magaalaa Gaazaa keessatti bakka marfata tiraafikaa irratti yoo xiqqaate namoota 20 ajjeesee kan biraa 150 madaa’an qorachaa akka jiru ibseera. Kunis yeroo Falasxiinonni gargaarsa namoomaa eegaa turanitti ta’uu qondaaltonni fayyaa kan Haamaas himanii jiru.

Akkasumas giddu galeessa Gaazaatti qondaaltonni fayyaa Falasxiin akka jedhanitti haleellaan xiyyaaraan Israa’el halkan mooraa baqattootaa Al-Nusseirat keessa jiru irratti raawwatte lubbuu namoota 6 galaafate.

Lakkoofsi namoota haleellaa Roobii darbe giddugala leenjii Tokkummaa Mootummoota kan Gaazaa kibbaa Khaan Younis keessatti argamu irratti raawwatameen lakkoobsii namoota du’anii gara 12tti ol guddate, namoonni 75 ol kan madaa’an ta’uu qondaalli olaanaa TokkummaaMootummoota kan waa’ee baqattoota Falasxiinotaa Toomaas Waayit himaniiru.

Lola Israa’el Hamaas irratti geggeessaa turte keessatti michuu ijoo Israa’el kan turte Ameerikaan haleellaa wiirtuu leenjii kana irratti gaggeeffame balaaleffatteetti.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Haasawa Kamisa kaleessaa, qaama bulchiinsa dhaabbatichaaf taasisaniin, walitti bu’iinsi kun akka dhaabbatu kan gaafatan yoo ta’u, yeroo kana haalli Gaazaa keessaa “si’oolii” jechuun ibsaniiru.

''Waraanni furmaata hin fidu, lola dabalataa, jibba dabalataa, ciniinsuu dabalataa, badiisa dabalataa malee. Kanaaf, nagaa filannee dhimma kana siyaasaan haa furru,'' jechuun Dr. Teediroos Adihaanoom Jenevaa keessatti Boordii Hojii Raawwachiiftuu dhaabbatichaaf himaniiru.