Gareen juuntaa biyyoota Maalii, Burkinafasoo fi Niijeer fonqolcha mootummaan aangoo kan qabataniiran gareen diinagdee biyyoota lixa Afiriikaa “ECOWAS’ jedhamuun waamamu qoqqobbii namooma hin qabne nurra kaa’eera jechuun dilbata kaleessaa irraa kaasaanii garee kana keessaa of baasuu isaanii beeksisaniiru.
Gareen Juuntaa biyoota Sadanii ibsa waloon baasan kan miidiyaalee biyyoota sadaniinuu tamsaafameen kanneen garee diinagdee biyyoota Afirikaa gidduu galeessaa “ECCAS” keessa jiranis ta’e kanneen garee diinagdee biyyoota Afiriikaa lixaa “ECOWAS” keessa jiran keessaa baaneerra jedhan. Sababiin isaas Gareen kun waggoota 50 dura kan Abboonni keenya Paan Afiriikaaf yaadanii hundeessanirraa maqeera jechuunidha. Ibsichi itti dabaluunis gareen diinagdee biyyoota Afiriikaa lixaa “ECOWAS” dhiibaa humnoota alaa jala ta’uun seera bu’uura isaa ganuun biyyoota miseensa isaa ta’anii uummata isaa gammachuu isaanii mirkaneessuu caalaa balaa ta’eeras jedheera.
Gareen diinagdee biyyoota Afiriikaa lixaa ECOWAS biyyoota miseensota ta’an 15 kan of keessaa qabu bara 1975 tti waliiti ida’amuun jijjirama diigdee waloof kan dhaabbatee fi naannichatti ol-aantummaa siyaasaa qabaachuunis beekama. Yeroo dhiyoo as garuu naannicha keessatti fonqolchi mootummootaa babal’chaa dhufuun madda waliiti bu’insaa ta’eera.
Ibsa biyyoonni sadan waloon kennan irratti hanga ammaatti gareen diinagdee biyyoota Afiriikaa Lixaa ECOWAS waan jedhe hin qabu.