Bulchiinsa naannoo walakeessa kibba Ityoophiyaa godina Hadiyaa keessatti dhibeen kun kan muudatee ji’a tokkoon duraa akka ta’e kan ibse qajeelfamnii fayyaa godinichaa dhibee Kanaan kan ka’e hospitaalaa magaala Shonee keessatti caalaan isaanii daa’imman kan ta’an namoonni 22 akka du’an ibsameeraa.
Itti gaafatamaan qajeelfamaa fayyaa godina Hadiyyaa Obbo Taakle Ornimolee akka sagalee Amerikaati himanitti, dhibeen gifiraa kun aanaa Baadawaachoo bahaa keessatti mulachuun isaa erga mirkaanaa’ee boodaa namoottan 500 ol ta’an dhukubsachuun isaanii baramee jira.
Hospiitaala Shoneetti itti gaafatamaa kutaa Laaboraatorii kan ta’an Obbo Naggaa Addis, lakkofsii namoottan du’anii kan baayyate, dhukubichaan alattis hanqinni nyaataa jiraattotaa muudachuu isaantin kan ka’e akka ta’e himanii jiru.
Namoottan dhibee Kanaan qabaman keessaa ijooleewwan 200 ol ta’an waldhaansa argatanii garaa mana isaanitti akka deebi’an kan himan itti gaafatamaan dhimmaa fayyaa godinichaa weerara dhibee kanaa ittisuudhaaf gargaarsi mootummaa feederaalaa fi dhaabbilee gargaarsaa garagaraa barbaachisaa akka ta’e ibsuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasa irraa gabaasee jira.