Dooniiwwan Fe'umsaa Dhibbaan Lakkaawaman Sababa Haleellaa Hidhattoota Hutiitiin Geggeessamuutiin Galaana Diimaarraa Daandii Jijjiirratan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Dooniiwwan Fe'umsaa Dhibbaan Lakkaawaman Sababa Haleellaa Hidhattoota Hutiitiin Geggeessamuutiin Galaana Diimaarraa Daandii Jijjiirratan

Dooniiwwan fe’umsaa dhibbaan lakkaa’aman kanneen biyyoota Eeshiyaa irraa gara Awurooppaatti imalan, sababa haleellaa fi butuu itti fufiinsa qabuu kan hidhattoota Huutii yeroo ammaa gaggeessaa jiraniif jecha, gama galaana Dimaa fi sulula Swiiz gargaaramuu dhiisaa jiru.Gochii hidhattoota Huutii kun wal waraansa Israa’el fi Haamaas gidduuf deebii kennanii dha.

Gareen daldalaa guddaa kan ta’e Manni Maree Doonii Idil-addunyaa taateewwan kunneen daldala addunyaa irratti jeequmsa guddaa uumuun baasii dabaluu fi duubatti harkifannaa akka fidan dubbata jedha gabaasi Jonathan Spier.