Paartii Abin bakka bu’uu dhaan miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa kan ta’anii fi paarlaamaa keessaa fi alatti paartii biyya bulchu falmuu dhaan kan beekaman Dr. Dessaalny Caannee Roobii kaleessaa Amajjii 22 bara 2016 gara galgalaa Polisii dhaan qabamanii hidhamuu isaanii miseensi maatii isaanii tokko Sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Yuunifoormii fi koofiyyaa poolisii federaalaa kan kaayyatan namoonni lama akkasumas siiviloonni hidhannoo qaban ka biroon lama, seeraan barbaadamtu jedhamuu dhaan mana isaaniitii akka fudhatan nageenya koofan sodaadha jechuu dhaan maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan miseensi maatii Dr. Dessaaleny tokko ibsaniiru.
Namni kun akka jedhanitti miseensonni poolisii fi hojjettoonni eegumsa fayyaa Kamisa har’aa ganama Dr. Dessaaleny waliin deebi’uu isaanii fi mana isaanii sakatta’anii meeshaalee elektraooniksii fi galmeelee akkasumas Dr. Dessaalenyiin fuudhanii deebi’uu isaanii firri isaanii kun ibsanii jiran.
Hundeessaa Abin keessaa tokko kan turanii fi dura taa’aa paartichaa duraanii kan turan Dr. Dessaaleny Caannee labsiin yeroo muddamaa erga labsamee as qabamanii kan hidhaman miseensa mana maree bakka bu’otaa fi miseensa paartii Abin isaan lammataa ti. Miseenaa Abin fi miseensi mana maree ka biroon obbo Kiristiyaan Taaddelee, sababaa nageenyi naannoo Amaaraa keessaa boora’eef akka barbaachisetti guutummaa Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oola kan jedhamee fi yerooon isaa torban kana kan dhumatu mana maree ministeerotaan guyyaa inni raggaasisame Adoolessa 28 bara 2015 to’annaa jala oolan.
Miseensi mana maree obbo Yohaannis BuwaaYaales, miseensi mana maree bulchiisa magaalaa Finfinnee Dr. Kaasaa Teshaagerii fi minister deettaa nagaa kan turan miseensa Caffee naannoo Oromiyaa obbo Taayyee Danda’a mana hidhaa kanneen jiran miseensa mana maree ti.
Abukaatoleen Dr. Dessaaleny obbo Solomon Gezzaaheny, maamiltoota isaanii arguu kan danda’an Wixata, Roobii fi Jimaata ta’uu tuqanii, Jimaata borii bakka maammilli isaanii itti hidhamanii jiran kan dhaqan ta’uu ibsaniiru.
Kana dura sababaa labsii yeroo muddamaan hidhamanii kanneen hidhaman maamiltoota isaanii arguun kan hin eeyamamneef ta’uu kan ibsan obbo Solomon, Dr. Dessaaleny kan qabaman dhimma labsii yeroo muddamaan ala yoo ta’e arguuf abdii kan qaban ta’uu dubbataniiru. Hidhamuun isaaniis kana waliin wal qabachuu isaa poolisiis ta’e qaama mootummaa biraa odeeffannoon ba’e hin jiru.
Dhimma kana irratti ibsa akka kennaniif kan gaaftaman poolisii federaalaatti itti gaafatamaan quunnamtii uummataa obbo Jeeyilaan Abdii, namoota labsii yeroo muddamaa waliin wal qabate ilaalchisee ragaa kennuuf aangoo kan qabu komand post ta’uu isaa ibsaniiru. Dr. Dessaaleny Waxabajjii 29 darbe kan geggeessame wal ga’ii miseensa mana maree bakka bu’otaa irratti muummichi ministeeraa Abiy Ahimed aangoo akka gad dhiisanii fi manni marichaas akka bittinnaa’u gaafachuun isaanii ni yaadatama.