Wellistuun Lammii Ameerikaa Taayiler Swift Badhaasa Giraamii Badhaafamte

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Wellistuun Lammii Ameerikaa Taayiler Swift Badhaasa Giraamii Badhaafamte

Wellistuu lammii Ameerikaa kan taate Taylor Swift yeroo arfaffaa dhaaf badhaasa albamii ishee “Midnight” jedhuun Grammy argattee jirti. Haasaa ishee ennaa jalqabdu producer ishee Jack Antonoff galateeffachuu dhaan “badhaasi kun kan ajaa’ibaa ta’uu isinitti himuun fedha. Garuu jette kun waa tokko akka inni hin jijjiirre nan abdadha, sababiin isaas jireenyi koo kaleessaas bareedaa ture jette.

Victoria Monet artistii haaraa ta’uu dhaan badhaafamteetti. Harmee ishee kan qofaa intala durbaa kana guddiste nan galateeffadha jette. Badhaasi kun argamuuf waggaa 15 fixe jechuun imimmaaniin dubbatte. Billie Eilis immoo wallee “ What was I made for” jedhu barreessuu isheef badhaasa ol aanaa kan waggaa badhaafamtee jirti. Directora ishee Greta Gerwig galateeffattee jirti.