Paayipp Orgaan - Meeshaan Muuziqaa Guddaan Ameerikaa Keessatti Seena-qabeessaa fi Jaallatamaa Ture Amma Barbaadamummaan Isaa Gad Bu’aa Deeme

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Paayipp Orgaan - Meeshaan Muuziqaa Guddaan Ameerikaa Keessatti Seena-qabeessaa fi Jaallatamaa Ture Amma Barbaadamummaan Isaa Gad Bu’aa Deeme

Meeshaan muuziqaa guddaan Paayipp Orgaan jedhamee beekamu qaroomina hawaasaalee addunyaa gama Lixaa keessatti seena guddaa qaba.

Meeshaan manoota Amantaa fi Yuniversitoota gurguddaa biyya Yunaayitid Isteetis keessa jiran biratti seena-qabeessaa fi jaallatamaa ture kun yeroo ammaa barbaadamumaan isaa gad-bu’aa deeme. Kanaaf meeshaa sagalee muuziqaa ujummoowwan gurgudaa keessaa dhangalaasuu kana halaa elektiroonikissi hammayyaatiin walqabsisuudhaaf yaaliin taasifamaa jira. Kanas tahee namoonni kunuunsaafi haaromsa meeshaa kana irratti fedhiif beekumsa qabanis xqqoodha. Gabaasaan addaa dhaabbata oduu PBS jedhamuuf hojjatu Freed De Saam Laazaaroo Minisotaa irraa gabaasaa qopheesse, kan VOAn irraa fudhate Bafiqaaduu Morodaa Afaan Oromoon qindeessee dhiheessa.