Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa Har’a Finfinneetti Jalqabame

Your browser doesn’t support HTML5

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa Har’a Finfinneetti Jalqabame

Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 37ffaan harra magaalaa Finfinneetti jalqabee jira. Yaa’ii gaggeessitootaa kanarratti har’a gaggeessitoonni biyyoottan Afriikaa dhimmoota nageenyaa, misoomaa fi keessumaa dhimma barnootaarratti dubbatanii jiru. Koomishineriin Gamtichaa Muusaa Faakii ammas Afrikaanonni rakkoo keessatti wal ilaaluun yaaddoo akka itti tahe dubbatanii, goolamni siyaasaa Saheel, kan Sudaan keessatti uumameef ragaadha jedhanii ammas biyyoottan furmaata barbaaduu irratti waliif akka tumsan gaafatanii jiran. Muummeen Ministeeraa Abiy Ahmed Aliis walgahicharratti Afrikaan ammas gama midhaan nyaataan harka alagaa ilaaluu hin malle jedhanii jiran. Mareen Gamtaa Afriikaa baranaa akka ijootti barnootarratti xiyyeeffata. Galmoo Daawit walgayicha hordofee gabaasaa qindeesse qabna.