Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa Finfinneetti Geggeessame Wixata Har’aa Xumurame

Your browser doesn’t support HTML5

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa Finfinneetti Geggeessame Wixata Har’aa Xumurame

Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 37ffaan Finfinneettii sanbataa fi Dilbata gaggeeffamaa ture wixata har’aa ganama xumuramee jira. Gaggeessa dura taa’aa gamtaa Afriikaa haaraa ta’uun kan filataman Prezdentiin Maawuritaaniyaa Mohaammed Gazuwaanii, Afriikan kaayyoo bara 2063 guutuuf yaadde kan waggaa kurnan dhufaanii barnoota ijoo akka taasifattu dubbatanii jiran.

Walgahiin Gamtaa Afriikaa inni baranaa ijoo dubbii barnootaa tahus rakkoon nageenyaa fi fonqolcha mootummaa ammas ijoo guddaa kan turedha. Walga’ichaa kan hordofaa ture Galmoo Daawit dhimma walga’ichaa ilaalchisee yaada beektotaa itti dabaluudhaan gabaasee jira.