Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo: Gadaan Kiyya Nageennaan Akka Yaadatamun Fedha

Your browser doesn’t support HTML5

Sirna baallii wal harkaa fuudhinsa Gadaa Gujii, kan Me’ee Bokkootti gaggeeffameen Kibxata darbe kan baallii fudhatan Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo nageenya Oromiyaa keessatti buusuu irratti xiyyeeffatanii akka hojjechuuf jiran, Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin dubbatanii jiran.

Gujiif Abbaa Gadaa 75ffaa ta’uun kan muudama fudhatan Jaarso Dhugoo, hundeeffama Godina Boorana Bahaa hordofee rakkoo mudate, jedhanis karaa waliin dubbii akka furamu carraaquuf akka yaadaa qaban eeran.

Baallii kana kan Abbaa Gadaa Jaarsoof dabarsan Hayyuu Jilo Mandhoo’llee, bara Gadaa isaaniitti nagaan fi tasgabbiin akka bu’uuf dhama’aa akka turan eeranii, Gadaan dhufe kunis dhimma kana ijoo taasifatee akka hojjetuuf amaanaa itti kenne, jechuun VOA’f himan. Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Gujii sirni Baallii kan umrii waggaa dhibba jahaa qaba jedhamu kun akka jabaatuf hojjetaa jira jedha.