Komiishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa har’a baaseen, Naannoo Gambeelaa keessatti baatii Eblaa bara 2015 hanga amajjii bara 2016tti walitti bu’iinsa geggeessameen yoo xiqqaate namoonni 138 ajjeefamuu beeksiseera. Walitti bu’iinsa bara 2015 qabee geggeessameen dhiittaa mirga namaa dhaqqabe ilaalchisees qorannaa geggeessuu isaa komiishinichi ibsee jira.
Ibsi komiishinichaa akka jedhutti qorannaan kun Fulbaana 20 hanga 30 bara 2016tti geggeessamuu isaa ibsee, Fulbaana 30 bara 2016 booda akkasuma haleellaalee naannoo sana keessatti raawwatamanii fi tarkaanfii mootummaan fudhatame ilaalchisee hordoffii dabalataa geggeessuu isaa ibsee jira.
Komiishinichi mirga namaa ibsa kanaan, sababaa walitti bu’iinsa kanaa qabeenyaa irra illee balaan manca’uu ga’uu isaaf saamichi illee raawwatamuu isaa qorannaa geggeesseen mirkaneessuu isaa tuqee jira. Komiishina mirga namaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan waajjira damee Gambeelaa obbo Abeel Adaanee ibsa sana ilaalchisuun VOAf ibsa kennaniin walitti bu’iinsa sana keessatti baqattoonni naannoo Gambeelaa jiratan kan keessatti hirmaatan ta’uu illee dubbataniiru.
Qorannaan sun aanaa addaa Itaang, aanaa Gambeelaa, aanaa Googii fi gandeen magaalaa Gambeelaa keessatti geggeessamuu isaa obbo Abeel ibsaniiru.
Ebla 13 bara 2015 aanaa addaa Itaang, ganda Pinywaa fi ganda hollaa Leer kan jiran jiraattota gidduutti walitti bu’iinsi uumame aanaalee adda addaatti babal’atee baqattoonni Sudaan Kibbaa naannoo sana jiraatan miidhaan kan irra ga’eef kaanis walitti bu’iinsa sanatti hirmaachuu obbo Abeel Adane ibsaniiru.
Dhimma kana irratti VOAf yaada kan kenne waajjirri dhimmootii kominikeeshinii mootummaa, baatii Ebla waggaa darbee hanga baatii Hagayyaatti walitti bu’iinsa uumame jedheen lubbuu namaa irra miidhaan ga’uu isaa amanee miidhaa hagamii akka ta’e garuu hin ibsine. VOAf kan ibsa kennan itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa obbo Ujuluu Giiloo miidhaan dtuqame kun dhaqqabuu isaa tuqanii hagam akka ta’e garuu hin ibsine.
Ibsa sana keessatti kan maqaan isaanii tuqame komiishnerri ol aanaan Daani’el Beqqelees haqi guutuun kan mirkanaa’uu danda’u kanneen badii dalagan seeratti dhiyaatanii kanneen miidhaan irra ga’eef gumaan ennaa baafamu akkasumas balaan wal fakkaatu gara fuula duraatti akka hin dhaqqabne tarkaanfiin bsrbaachisu ennaa fudhatamu waan ta’eef kun akka ta’uuf murannoo dhaan irratti hojjetamuu qaba jechuu dhaan waamicha dabarsaniiru jedha gabaasi Gebremikaa’el Gerbremedin.