Filannoo Prezidaantummaa baatii Sadaasa dhufu gaggeeffamuuf jiru irratti sodaa nageenyaa uumamu kamiyyuu ofirraa ittisuu akka danda’an Angawoonni filannoo Yunaaytid Isteetis dubbataa jiran.
Kan naannoo Waashington Diisii jiru magaalaa Aleksaandiriyaa, ka Varjiiniyaa keessatti leenjii qondaaltota filannoof kenname hordofuudhaan kan Sagalee Ameerikaaf gabaaste Veronica Balderas Iglesias sagalee bilisaa, haqaa fi iftoominaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhataman hedduu keessaa isa tokko jetti. Jaallannee Gammadaatu dhiheessa.