Wallgga Bahaa Keessatti Hidhattoonni Finxaaleyyiin Dhukaasa Konkolaataa Imaltootaarratti Bananiin Namoonni 3 Du’anii 2 Madaahuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Roobii darbe Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoota finxaaleyyii faannootiin dhukaasni konkolaataa Geejjibaarratti dhukaasni jedhaniin amootni sadii du’anii lama ammoo madaa’uu jiraattonni Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Hidhattoota fiinxaaleyyiin haleellaan kun raaw’atamuu kan dubbatan aangawaan aanaa Giddaa Ayyaanaas kanuma mirkaneessan Dookter Malkaamuu Addunyaa, hoogganaan Hospitaala Giddaa Ayyaanaa, namootni kunneen rasaasaan ajjeefamuu mirkaneeffachuu isaanii eeranii amootni kaan lama dhukaasaan madaa’anii yaala argachaa jiru, jechuun VOA’f himan.

Konkolaachostoonni fi jiraattonni daandii Naqamtee fi Gidda Ayyaanaa deemnu akka dhukaasni sun itti baname dubbatu. Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Amanauu Dhinsaa mootummaan naannoocha tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhataa jira, jedhu.