Daldaltoonni Bunaa Karaa  Alergii Bunaa “Vertikaal” Jedhamuun Gurguratan Kaffaltii Malee Hafne, Jedhu

Your browser doesn’t support HTML5

Daldaltoonni bunaa karaa Alergii Bunaa “Vertikaal” jedhamuun oomisha gabaa jiddu-galeessaaf dhiyeessan, qarshiin buna isaanii ji’ootaaf akka hin kaffalamiin himataa jiru.Obbo Sisaay Habtee, qonnaan bulaa fi daldalaan bunaa aanaa Yaayyoo, bunni isaan karaa Vertikaal gabaa jiddu galeessaaf dhiyeessan kaffaltii malee akka hafee jiru himanii kunis daldaltoota hedduu gabayaa ala baasaa jira, jedhan.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa gama isaan daldaltoota eyyama alergii bunaa kana qisaasessan jedherratti tarkaanfii fudhataa akka jiru dubbate. Sababa kanaaf daldaltoonni fi qonnaanbultoonni gabaa bunaa irraa akka sodaa qaban dubbatanus, Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayee ammoo barana alergii bunaa kanarraa doolaara biiliyoona 1.7 argachuufan hojiitti jira jedha.