Ajjeechaan Aanaa Miyootti Milishootaan Raawwatame Jedhame Mormii Kaase

Your browser doesn’t support HTML5

Kibxata galgala, anaa Mi’ootti Ajjeechaan magaala Iddii Lolaatti raawwatame jedhame Mormii kaasuun himame. Jiraattonni Kumaan lakkaawaman, ajjeechaa Milishoonni kellaa Iddii Lolaa irratti reebichaan dargaggoo ganna 18 Qallaa Boonayyaa irratti raawwatana kaleessa Waajjira Aanaa Mi’oo duratti bahuun mormuu Obbo Mulunee Raggaasaa VOA’f dubbatanii jiran.

Obbo Muluneen, dargaggoo Qallaa Boonayyaa utuu Mootoraan deemuu Kellaa irratti milishootaan reebamee ajjeefamuu himanii armaan duras ajjeechawwan wal fakkaatan magaalattii keessatti mullachuu dubbatanii, garuu warra yakka wal fakkaatu kana raawwaturratti seerri tarkaanfii hin fudhanne jechaan dubbatan. Waajjirri Poolisii Aana Mi’oo ta’ee mudate hordofee miseensonni qaama seera kabachiisan jaha to’annaa jela jiru jedha, Galmoo Daawit dabalata qaba.