Jillee Dhummuugaa, Arxummaa Fursii, Efraataa Gidim fi Qeweet Keessatti Haleellaa Hidhattootan Raaw’atame Jedhameen Namoonni Du’uun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Amahaaraa Godinaa Addaa Saba Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaa fi Aanaa Arxummaa Fursii keessatti hidhattoonni faanoo haleellaa raawwatan lubbuun namootaa darbeera jechuun jiraattonni Sagalee Ameerikaaf himaniiru. Gama biraatin naannoo Amahaaraa Godinaa Shawaa Kaabaa gandoota aanaa Efiraata Gidiim fi Qeweet keessa jiran keessatti hidhattoonni godina addaa saba oromoo aanaa jiillee dhummuugaa irraa dhufan haleellaa raawwataniin lubbuun nama darbeera,qabeenyaa samameera jechuun jiraattonni himaniiru.

Rakkoo jiraattonni kaasan kana irratti hoogganaa mootummaa kan aanaa Arxummaa Fursii fi jiillee Dhummuugaa irraa deebii argachuuf yaaliin Sagaleen Ameerikaa taasise har'aaf hin milkoofne. Garuu itti aanaan aanaa Efiraata Gidim obbo Albisii Adefraash rakkinichi muudachuu himanii, waa'ee rakkichaa odeeffannoo gahaa akka hin qabne fi fuulduratti akka qoratamu Sagalee Ameerikaaf himaniiru.