Gujii Lixaa Keessatti Lola Hidhattoota WBO fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Geggeessamaa Jiruun Tajaajilli Hedduun Addaan Cituun Himame  

Your browser doesn’t support HTML5

Lola dhiyeenya kana Gujii Lixaa Aanaa Galaanaatti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa jidduutti gaggeeffamaa jira, jedhameen tajaajilli hawaasaa hedduun adda cituu jiraattonni dubbatan. Keessumaa tajaajilli fayyaa lola ji’oota lamaa as jabaataa dhufe jedhaniin magaala guddoo aanattiin ala jiran Keessatti addaan cituu dabalataan himanii jiran. Rakkoon nageenyaa aanichaa ammas jiruun daandiin Galaanaarraa gara Aanaa Addaa Amaaroo geessu cufaa ta’uus angawootni aanichaa ibsaniiru.