Namootni Aanaa Dharraatii Finxaaleyyii Faannnoon Butaman Jedhaman 70 ol Eessa Buuteen Isaanii Dhabame

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dharraatii namootni humnoota Finxaaleyyii Faannoon fudhatamuu himame 70 ol ta’an ammas eessa buuteen isaanii akka hin beekne himan. Aadde Baanchaalem Ayyaanoo kan rakkoo nageenyaaf Aanaa Dharraatii buqqa’uu dubbatan Abbaan Warraa isaanii Daamxew Keffaalee Bitootessa 7, bara 2024 rakkoo Dharraatti mudateen erga butamee torbee lama gahuuf akka jedhu, eessa akka jirus hin beeknu jechaan dubbatanii jiran. Hojjetaa Mootummaa Federaalaa akkasumas dhalataa Aanaa Dharraa ta’uu kan dubbatan Obbo Indaashaaw Girmaa, rakkoo guyyaa gaafa bitootessa torbaa mudate jedhan Kanaan lubbuun namoota 11, qabeenyi hedduunis baduu fi namootni 70 ol ta’u jedhan humnoota finxaaleyyii jechaan ibsan Kanaan butamuu dubbatanii jiran. Bulchiinsi Godina Shawaa kaabaa deebii kenne qabaa; Galmoo Daawit dabalata isaa qindeessee jira.