Naannoo Oromiyaa godinaalee hedduu keessatti dhibee gifiraa namoota miidhaa jira jechuun biiroon fayyaa Oromiyaa ibseera

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaalee 18tti dhibeen kun keessaatti mul'atetti namoonni kuma 16 ol dhibee kanaan qabamuu itti aanaan biiroo fayyaa oromiyaa Dr.Tasfaayee kababaaw sagalee Ameerikaaf himaniiru. Sababa dhibee kanaan lubbuun namaa darbuu namoonni sagaleen Ameerikaa haasofsiisee fi biiroon fayyaa Oromiyaa mirkaneessaniiru. Torban lamaan as bifa weeraraan kan keessatti mul'ate godina Shawaa kaabaa aanaa warra jaarsoo keessatti lubbuun namoota lamaa sababa dhibee gifiraan darbu biiroon fayyaa Oromiyaa ibseera .Weerara kana ittisuufis biiroon kun hojii adda addaa hojjechaa jira jechuun Dr.Tasfaayee kabbabaaw dubbataniiru.