Pirezidaantiin Yugaandaa Yoweerii Musevenii Ilma Isaanii Ajajaa Olaanaa Waraana Biyyattii Taasisuun Muudan

  • VOA

FAAYILII -Ilma pirezidaantii Museveenii Jeneeraal Muhoozii Kaayinerugabaa, Ugaandaa Caamsaa 7, 2022.

Ilmi Pireezidaantii Yugaandaa aangoorra jiranii, Jeneeraal Muhoozii Kaayineerugabaa Kamisa kaleessaa galgala gara aangoo ajaajaa olaanaa humna waraanaa Yugaandaatti guddachuu isaanii ibsi humna waraanaa biyyattii ni mul’isa. Gorsitoota isaa lama kan isatti dhiyoo jiran lamaafis aangoon ministirummaa kan kennameef yommuu ta’u innis Kamisuma kaleessaa galgala kan ifoomsame.

Ilmi pirezidaantii Museveenii Jeneeraal Muhoozii Kaayinerugabaa dhiyyeenya kana seera biyyattii isa qondaaltoonni waraanaa tajaajila paartii siyaasaa irratti akka hin bobbaane dhorku cabsuun guutummaa biyyaattittii hiriira qindeessuu keessatti hirmaataniiru jedhamuun komiin irratti ka’aa ture. Kaayineerugabaan garuu sochiin isaanii dhiyyenya kanaa Liigii Sabboonummaa jedhu hundeessuun kan siyaasarraa bilisa ta’e lammiileen Yugaandaa jaalala biyya isaanii akka qabaataniif kan kakaasu malee loogii siyaasaa hin qabu jechuun falmu.

Bara 1986tti gara aangoo pirezidaantummaatti humnaan kan dhufan Museveniin yeroo jaha filatamuu isaaniis labasataniiru, Ga’eessi ganna 79 Museeveniin yoom akka soorama ba’an garuu hanga ammaatti hin ifoomsine. Partii isaanii kan biyya bulchaa jiru sochii waraaqsa biyyaaleessaa keessaa morkataa kan hin qabne hoogganaa waraanaa namni ta’u bakka isaanii bu’uu danda’aan tilmaama namoonni baay’een kaa’anidha. Filannoon pireziidantummaa itti aanu kan biyyattii bara 2026 tti gaggeeffama.

Deeggartoonni ilma Pireezidaanti Museevenii, Kaayineerugabaa Yugaandaa biyya bara 1962tti Kolonii Biriiteen jalaa baatee walabummaa ishee labsatetti yeroo jalqabaaf aangoo karaa nagaa dabarsuun ta’a yommuu jedhan , hooggantoonni paartilee siyaasaa mormitootaa, qeeqxtoonni fi kanneen biroo jijiiramaaf fedhii qaban gochaan akkanaa bulchiinsa sanyiin qooduutti geessaa jira jedhu.