Barreessaa Dureen Tokkummaa Mootummootaa Masrii Seenanii Jiru

  • VOA

Barreessaa Duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees ibsa oggaa kennan, Amaan, Joordan, Bitootessa 25, 2024.

Barreessaan dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees sambata dabree, qaxxaamuraa daangaa Raafaah gara Gaazaatti seenu irratti gaazexeessitootaaf akka himanitti, baatiin Ramadaanaa yeroo jalqabaee jiru kanatti, yeroon dhukaasa dhaabuu fi “waada akka sibiilaa jabaatu Israa’el” gargaarsa gufuu tokko malee gara naannoo marfameetti akka seenuu hayyamuuf fi imala waloongaggeessuuf yeroon isaa amma jedhan.

Duudhaa yeroo Komishinara Ol’aanaa dhaabata Baqattootaa kan Tokkummaa Mootummoota ta’uun tajaajilaniitti, hawaasa Musliimaa dhiphina keessa jiran irratti ifa ibsuuf jalqaban keessatti, Guterres sambata darbe Kaayiroo ga’an. Achittis, waamicha hatattamaa kan gargaarsa namoomaa seensisuuf dhukaasii fi hokkarrinakka dhaabbatu, keessattuu Gaazaa fi Sudaan keessatti akka barbaachisu ibsan.

Daawwannaan isaanii kun yaaddoowwan gargaarsa namoomaa dhiibbaa uumuu danda’an naannoo waldhabdee keessatti mul’atan furuuf Tokkummaan Mootummootaa kutannoo akka qabu kan hubachiisuu dha. Gutarrees yeroo Masrii keessa turanitti gara Siinaa kaabaa, naannoo waldhabdeen baayyee miidhame imalaniiru.

Achittis namoota nagaa Falasxiin Gaazaa irraa dhufanii fi maatii isaanii waliin Hospitaala Waliigalaa El Arish, Egypt keessatti wal arguun dubartootaa fi daa’imman yeroo waldhabdee deemaa jirutti miidhaman waliin haasa’aniiru. Boodarra gama Masriitiin hojjettoota gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa Raafaah keessa jiran waliin wal arguun tooftaalee gidiraa namoota walitti bu’iinsa gidduutti qabaman salphisuuf gargaaran irratti mari’ataniiru.