Ijaarsi Warshaa Xaa'oo Yaayyoo Dhaabbachuun Himata fi Kasaaraa Uume Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Ijaarsi isaa kan dhaabbatee jiru Warshaan Xaa’oo Yaayyoo meeshaaleen isaa hannaaf saaxilamaa akka jiran jiraattonni fi angawootni aanichaa himanii jiran. Godina Iluu Abbaa Boor Anaa Yaayyootti kan ijaaramuuf ture warshaan kun ganna jaha dura ijaarsisaa kan dhaabbate yoo tahu, amma qaamolee fi namoonni dhuunfaa ajaja mana murtiitiin dabalatee akkaataa hin malleen qabeenya warshichaa fudhataa akka jiran jiraattonni himanii, mootummaan akka tarkaanfii fudhatuu fi egeree warshichaas murtee tokko akka ifoomfus gaafatniiru. Bulchiinsi Godina Iluu Abbaa Boor, ajajawwan mana murtiin qaamonni meeshaa akka hin fudhanne dhorkii kaa’uu ibsee, ammas egeree warshichaa irratti mootummaan federaalaa murtee akka kennu gaafataa jira jedha gabaasi Galmoo Daawit.