“Hiriyoota Koo Hedduutu Barnoota Adda Kutee “Dukkana” Keessatti Hafe” Barreessaa Jaatanii Boonayyaa

Your browser doesn’t support HTML5

‘Harras ijoolleen horsiisee bulaa imaammata isaanif malu hin argannee jedha’ Barreessaa Jaatanii Boonayyaa Godaanaa. Barreessaa Jaatanii Boonayyaa kitaabota sadii, Abuuruu, Adiyyoo fi Dayya’a Boruu kan barreesse yoo tahu, amma immoo dhaabbata jiruu horsiise bulaa fooyyessuuf hojjeta jedhe hundeessee jira. Jaataniin dargaggootni horsiise bulaa barnoota argachuuf rakkoo ta’uu eeree, hiriyootni isaa hedduun biraa barnoota adda kutanii dukkana keessatti akka hafan, kana fooyyessuufis imaammanni biyyattii horsiisee bulaarratti fooyya’uu akka qabu dubbate. Galmoo Daawit dabalata isaa qopheessee jira.