Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa Godinaa Koree Keessatti Namoonni Nagaan Lama Hidhattootaan Ajjeesaman, Jedhame 

  • VOA

Bulchiinsa Naannoo kibba Itiyoophiyaa keessatti siviilonni lama hidhattootaan ajjefamuu isaanii ibsaame.

Bulchiinsa Naannoo kibba Itiyoophiyaa keessatti siviilonni lama hidhattootaan ajjefamuu isaanii ibsaamee jira. Namoottaan garee hidhatootaa bulchiinsaa naannoo Oromiyaa Godinaa Gujii dhihaa anaa Galaanaa keesaa socho’anuun akka ajjeefaman ibsame kun mucaa wagga 13 loon tiksaa turee fi abbaa ijoolee Sadeetii loon tiksaa turan obbo Yiggezuu Baayee akka ta’an beekameeraa.

Abbaan mucaa wagga 13 jalaa ajjeefamee obboo Amaaree Atiyaadee hidhattoonni kun mucaa isaanii ajjeesuudhaa alatii looniwwaan isaanii akka jalaa fudhatan sagalee Amerikaatti himaniiru. Bulchiinsa naannoo kibbaatti itti gaafatamaa dhimmaa nageenyaa godina Koree kan ta’an obbo Tafarraa Boondooraa akka bilbilaan sagalee Amerikaatti himaniitti haleelichaa kan raawwatan garee hidhatootaa naannoo Oromiiyaa keessaa garasitti ce’an yemuu ta’an, kan ajjeefaman immoo siviilotaa godina koree ganda Dorbaadee keessaa jiraatan akka ta’an eeraniiru.

Dhimma kana irratti gamma haanga’otaa godina Gujii dhihaa anaa Galaanaa irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasifame akka hin milkoofne kan ibsee gabaasinii Yoonaatan Zebdiyoos, sochii hidhatootaa naannoo sana keessatti taasifamaa jiruun haalli hawaasumaa fi diinagdee naanichaa rakkina keessa akka jiru jiraattonni fi haanga’onii dubbachuu isaanii VOAn gabaasuu isaa yaadachiiseera.