Jaarmayaan Gargaarsaa Tokko Itiyoophiyaa Keessatti Namoota Dhukkuba Onneen Rakkatan, Kanneen Wal’aanamuuf Humnasaa Hin Qabne Gargaaraa Jira

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

‘Jaarmayaa Gargaarsa Daa'immanii fi Dargaggootaa Iyyoob’ maqaa jedhuun dhaabbatni beekamu lammiwwan Itiyoophiyaa dhukkuuba Onneen rakkataa jiraniif abdii horaa jira. Jaarmayaan kun ujummoon dhiigaa onnee dhiphachuutiin namoota namoonni dhukkubsataa jiran akka wal'ansa argatan gochuuf meeshalee wal’aansichaaf barbaachisan hospitaalootaaf dhiheessa.

Gargaarsa kanaan namoonni dhunfaa isaaniin horii baasanii wal'anamuuf humna hin qabne hiree jaarmayichi kennetti fayyadamaa jiran. Hojii wal'ansa fayyaa jaarmayichaan deggeramu kanneen gaggeessan keessaa tokko hospiitaalli Qidus Phaawuloosi. Gabaasa Keeneedii Abaata Finfinnee irraa erge Jaallannee tu dhiyeessa.