Yunayitid Isteetis Ajjeechaan Aangawaa ABO, Battee Urgeessaarratti Raaw’atame Akka Qoratamu Gaafatte

Your browser doesn’t support HTML5

Yuunaytid Isteetis ajjeechaan Qondaala Siyaasaa ABO, Obbo Battee Urgeessaa akka qoratamu gaafattee jirti. Waajjira Haajaa ALaa Yuunaayid Isteetsitti Waajjirri dhimmoota Afriikaa, karaa maxxansa sabaa-himaan ajjeechaan Obbo Battee Urgeessaa irratti raaw’atame qoratamuun itti walittibu’iinsa biyyattii keessatti walitti-fufinsaan deemaa jiru hambisuuf gahee guddoo kan qabu waan taheef, qaama addunyaatiin qorannoon gad fagoon gaggeeffamuu qaba jedhee jira. Manni Maree Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa fi paartileen siyaasaa gara garaas, ajjeechaa kana balaaleffachuu ibsa baasaniin qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafaatanii jiran. Sirni Awwaalchaa Obbo Battee Urgeessaa har’a naannoo dhalata isaa fi bakka itti ajjeefame Maqiitti gaggeeffamee jira. Galmoo Daawit dabalata qaba.