Shawaa Lixaa, Aanaa Noonnoo Keessatti Namoonni Nagaa 12 Hidhattootaan Ajjeesaman, Jedhu Jiraattonni

Your browser doesn’t support HTML5

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godiina Sahawaa Kaabaa aanaa Noonnooa magaalaa silk Ambaa gandeen 5 keessatti Wiixata dabree haleellaa dhaqqabeen namonin 12 ajjeefamuu jiraattonni ibsanii jiru. Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin dhahaamnee kan gaafatan jiraattonni magaalatti akka jedhanti kanneen ajjeefaman keessaa harka caalaan dhalattoota gosa Amaaraa ta’u ibsan. Jiraattoota keessaa tokko ibsa Sagalee Ameerikaaf kenneen “Oneeg-shanee Lakkobsii isaanii guddaa ta’e fi meeshaa gurguddaa hidhatee lafa ciifnee jirruutti barii sa’atii 12 irratti dhufee miidhaa nu irraan ga’e” jedhan.

Kan Sagaleen Ameerikaa dubbise Obbo Odaa Tarbii dubbii himaan WBO kan idil addunyaa hidhattoonni isaanii ajjeechaa siivilootaa sana keessaa akka harka hin qabnetti eeranii, qorannaan walaba tahe akka geggeessamu gaafatan. Yaada waajiira Komuunikeeshinii bulchiinsa naannoo Oromiyaa argachuuf yaaliin taasisame hin milkoofne.