Haramaan ‘Boccee”  Jedhamu Haroowwan Danbalii fi Qooqaa Aguugee Qonnaan-bultoota Qurxummii Baafachuun Jiraatan Rakkoof Saaxiluun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Haramaan Boccee ykn Embooc jedhamee beekamu Oromia haroowwaan lama irratti mula'atee miidhaa qaqqabsiisa akka jiru jiraattonnii fi aangawaan mootummaa naannoo Oromiyaa Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Haramaan kun haroowwaan Dambal-zuwaay fi Qooqaatti qonnaan bultoota jireenya omisha Qurxummii baasuun jireenya isaanii gaggeessaa turan rakkoof saaxiluu eeran, qonnaan-bultoota keessaa. Kan dhimmichi ilaallatu Biiroon Bishaanii fi Enerjii Oromia gama isaatiin haga ammaatti haroo Dambal irraa haga tokkoo rakkina furuu akka danda'ee fi kan haroo Qooqaa immoo bishaanichi gad-fageenya waan qabuuf haalaan qoph'auu waan barbaachiisuuf irratti hojjeechaa akka jiru dubbata. Nugusuu Taammiree dabata qaba.