ABOn Qorannoo Waa’ee Ajjeechaa Qondaalasaa Battee Urgeessaa Geggeessamaa Jira, Jedhamerraa Yaaddoo Akka Qabu Beeksise  

Your browser doesn’t support HTML5

Addi Bilisummaa Oromoo qorannoo ajjeefamuu Angawa dhaabbatichaa Battee Urgeessaa gaggeeffamaa jira jedhamerraa ‘Yaaddoo’ akka qabu ibsee jira. Dhaabbatichi harra ibsa baaseen, qorannoo kanaaf ragaawwan madda duraatii jedhe dhabamsiifamaa jiru, jedhee jira. Obbo Lammii Gammachuu qondaalli Sab Qunnamtiin Adda Bilisummaa Oromoo VOA’f ibsa kennaniin ajjeefamuu Obbo Battee Hordofee kan to’annaa jala oolfamuunsaa gabaafame Obboleessi Obbo Battee, Miiloo Urgeessaa haga yoona eessa buuteen isaa akka hin beekamne himee jira. Dhimma kanarratti angawoota mootummaarraa deebii arggadhuuf yaaliin Sagaleen Ameerikaa taasise hin milkoofnee. Galmoo Daawit dabalata qaba.