Guyyaa Dachee Kan Ebila 22 Sadarkaa Addunyaatti Ayyaaneeffame Ka Baranaarratti Dhiibbaa Pilaastikiin Dacheetti Fidutti Fuuleffatame  

Your browser doesn’t support HTML5

Guyyaan har’aa Ebilli 22 sadarkaa adduunyatti guyyaa Dacee jedhamuun yaadatamaa oola. Yaadni ijoon yokaan dhaadannoon guyyaa yaadannoo dacchee keenyaa inni baranaa, “Dachee fi Pilaastika” kan jedhuudha. Wa’ee kabaja guyyaa dachee waggaa waggaan taasifamu kan ilaaleen Bafiqaaduu Morodaa keessummoota lama dubbisuun sagantaa qopheesse qaba. Dr. Ahimad Galchuu hayyuu Saayinisii naannoo Vaankuber Kaanaadaa irraa akkasumas, Dr. Bahaaruu Dhugumaa hayyuu Saayinsii qonnaa fi bosonaa as US kutaa Verjiiniyaa irraa. Gaaffii guyyaa kana moggaasuun maaliif barbaachise jedhuuf yaada Dr. Ahimad Galchuu nuuf kennan irraa jalqabna.