Luba Balaay Mekonnin Seeraa Ala Doolaara Guddaa Biyyaa Baasuu Yaaluutti Himatamanii Har’a Yeroo Lammataaf Mana Murtiitti Dhihaatan

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Karaa seeraan alaa doolaara guddaa gara biyya alaatti erguuf turan jedhamun shakkamanii kan to’annaa jala oolfaman, itti aanaa hoji geggeessaan waldaa orotodoksii walii galaa Itiyoopiyaa lubi Belaay Mekonnin Rioobii kaleessaa Ebla 24 bara 2024 yeroo lammataaf mana murtiitti dhiyaataniiru. Adeemsa mana murtii jiru hordofuuf kan isaan faana mana murtii turan abukaatoon isaanii obbo Tuulii Baayisaa adeemsa mana murtii akkasumas yakka isaan itti shakkamanii to’annaa jala oolan nuuf ibsanii jiru. Tujube Horaatu haasofsiise.