Jiraattonni Aanalee Koremii fi Oflaa Hidhattoonni Naannoo Tgiraay Sarbinsaa Mirga Namoomaa Nurratti Raaw’achaa Jiru Jedhan

  • VOA

FAAYILIi - Meeshaa waraanaa yeroo lolaa barbadaahe

Akka jiraattonni kun jedhaniitti sarbiinsi mirga namoomaa kun ajjeechaa, namoota qabanii dhoksuu kan dabalatuu ta’uu isaa sagalee Amerikaaf himanii jiru.

Himannaa kana irratti yaada kan kennan kantiibaan magaala Korem obbo Birhaanuu Hayiluu haleellaa hidhattoonni naannoo Tigraay kun raawwataniin namoonni Afur butamanii fudhatamuu isaaniifi namoottan Torba ta’an immoo reebichaa isaan irratti raawateen miidhamuu isaanii Sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Bulchiinsa yeroo nannoo Tigraayitti bulchaan godina Tigraay kibbaa obbo Haftuu Kiroos himaannaan dhihaachaa jiruu dhugaa akka hin taane ibsanii, akka sarbiinsii mirga namoomaa hin raawanne umnoottan Tigraay qaamoolee mootummaa dhimichii ilaalatuu wajjin hojachaa akka jiran ibsanii jiru.

Haaluma walqabateen dhimma kana ilaalchisee Wixata kaleessa ibsa kan baasee Paartiin Siyaasaa mortmituu Sochii biyyaalesaa Amaaraa ykn ABIN, umnoottan Tigraay qophii waraanaa taasisaa akka turan ibsee, Affaarii fi Allaamaaxaa irratti haleella raawwachudhaan aanaalee raayyaa too’atee , ajjeechaa raawwatee namoottan kumma kudhaniin lakkawaman jereenya isaanii irraa buqiseera jedhee jira.

Hidhatoonni naannoo Tigraayi magaala Alaamaaxaa fi naannoo isaa gadi lakkisanii bahuu isaanii prezidaantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay obbo Geetaachoo Raddaa Caamsaa 16 bara 2016 ibsaa karaa midiyaa hawaasaa isaaniitin kennaniin, ibsuun isaanii gabaasame jira.

komii bulchiinsii yeroo magaala Koremii fi Paartiin ABIN dhiheesan ilaachisuudhaan bulchiinsa mootummaa naannoo Amaara fi ministeera komunikeshiinii feederaalaa irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasifame akka hin milkoofne Masfin Arraagee gabaasee jira.