Wal waraansa Itiyoophiyaa kaabaa sana booda gaaffiin abbummaa lafaa kan irratti ka’aa jiru bulchiinsa naannoo Tigraayii fi Amaaraa daangeessan irraa kanneen goodaana hundumaa hojiin deebisuu yeroo qabamee tureetti raawwatamaa akka hin jirree kunis rakkoo itti hammeessuu isaa kanneen godaana ibsanii jiru.
Anaa Tsalamt irraa buqqa’uu isaanii sagalee Amerikaaf kanneen ibsan kun hanga Caamsaa 30tti bara 2016tti akka deebi’an gochuuf akeekamee akka turee ibsanii garu haga ammaatti ituu hin deebifamiin turuu isaanii fi baatiin roobaa dhaqqabuun rakkoo isaanii hammeessuu akka danda’uu ibsan.
Dhimma kana irratti bulchiinsa yeroo kan Tigraayii fi waajiira koomuunikeeshinii mootummaa Feedeeraalaa irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.
Ta’uus garu Tigraay keessatti bulchaan godiina Kaaba dhiyaa Obbo Kalaalii Haagaaz akka jedhanti aanaa Tsalamt keessatti wal waraansa booda caasaan bulchiinsaa fi nageenyaa hundeeffaman humnoota nageenyaa kan Feedeeraalaan akka diigaman ta’u dhabuun kanneen qe’ee ofii irraa buqqa’an yeroon deebifamuu hafuu isaaf sababaa dha jechu isaanii Muuluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.