Naannoolee Itiyoophiyaa 4 Keessatti Filannoon Otuu hin Geggeessadmiin Turee fi Filannoon Keessa Deebii Dilbata Kaleessaa Geggeessame

  • VOA

FAAYILII Hojjatoota sagalee filannoo sagalee lakkaahuf qopheessan, Waxabajjii 21, 2021.

Bulchiinsa naannoo Beeneeshaangul Gumuuz dabalatee bulchiinsa naannoolee Afur kan biyyatti keessatti, filannoon duraan hin gaggeeffamiin hafee fi kan irra deebii Dilbata kaleessaa gaggeeffamuu boordiin filannoo biyyooleessaa beeksisee jira.

Filannoon kun xumuramuu isaalachisee Dilbata kaleessaa Gaazexeessootaaf ibsan kan kennan Walitti qabduu bordii kanaa Aaddee Meelaat Warq Haayiluu filannoon marsaa 6ffaa lafa itti hin gaggeeffamiin hafeetti akkasumas kan irra deebii bulchiinsa naannoolee Beeneeshaangul Gumuuz, Afaar, Soomaalee fi Itiyoophiyaa giddu galeessaa keessatti gaggeeffamu ibsan.

Sababaa rakkoo nageenyaan filannoon lafti itti hin gaggeeffamne wirtuulee filannoo 40 jiraachuu isaanii ibsan.Bulchiinsa naannoo Beeneeshaangul Gumuuz keessatti filannoon gaggeeffame kun waggaa 10 booda ta’u kan ibsee manni maree paartilee siyaasaa kan naannoo Sanaa filannoon kun uummanni hogganaa isaa akka filatuuf carraa kennee jira jedheera.

Deemsii filannoo kanaas nagaan xumuramuu isaa walitti qabaan mana maree kanaa Obbo Abdul Salaam shangal ibsuu isaanii Gabra Mikaa’el Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.