Hidha Laga Abbayyaa Irratti Maddii Annisaa Dabalee Jira

  • VOA

Muummee Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad fi Haadha warraa isaanii bakka projrktii Laga Abbayyaatti, Hagayya 26, 2024.

Tarbaayinoonni humna elektirikii maddisiisan laga Abbayyaa irratti ijaaraman, 3ffaa fi 4ffaa jedhaman sambata darbe hojjii eegalan. Bara 2014 Annisa maddisiisuu kan jalqaban yuniitii 9ffaa fi 10ffaa wajjiin walitti dabalamee yuniitiin hojii jalqaban Arfan walii galaan humna eleektrikaa meegaa waatii 1550 maddisisuu danda’u.

Hidhii kun gara xumuraatti deemaa jiraachuun kun biyyoota Abbayyaa isa gad aanuu keessa jiran Masrii fi Sudaan biraa yaaddoo fi mormiin dhiyaataa yeroo itti fufee jiruutti. Hojiin ijaarsa isaa guutuummaatti ennaa xumuuramuu bishaan inni qabachuu danda’uu meetir kiyuubiikii Biliyoona 74 ta’a. Afrikaa keessaa bishaan humna maddisisuu guddichi kan ta’e kun lafaa kaasee ol hojjaan isaa meetra 145 akkasumas dheerinni isaa meetra 1780 ta’aa. Bishaan Hidha Sanaa duubaanis kiloo meetra 240 irra akka jiraatu ibsamuu isaa Keeneedii Abaataa Finfinnee irraa gabaasee jira.