Keeniyaa keessatti kutaa cisiichaa ykn Dormii mana barumsaa tokko keessatti ibiddi ka’een barattoota 17 du’uu fi 13 ammoo akka malee gubatanii jiran. Poolisiin akka jedhutti lakkoofsi warra du'anii dabaluu danda'a. Kana malees Sababni ibidda kana Kamisa kaleessaa halkan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Hillside Endarashaa jedhamuttu kaase qoratamaa jira jedhu.
Maatiin barattootaa yaaddoo keessa jiran kanneen namoota lubbuun hafan keessaa ijoollee isaanii arguu hin dandeenye gadda guddaadhaan liqimfamanii mana barumsichaa keessatti eegaa turan. Ibiddi manneen barnootaa bultii ykn barattonni doormii keessa jiraatanii Keeniyaa keessatti kan baratame yoo ta'u barattoonni hedduun akka jedhanti, achi keessa jiraachuun isaanii yeroo dheeraa osoo hin ba’iin akka barataniif yeroo dabalataa kenna jedhanii amanuu.
Dormiin mana barumsaa sun ijoollee dhiiraa 150 caalaa kanneen umriin isaanii 10-14 gidduu qabata. Baayyeen isaanii Muka irraa waan hojjatamniif jecha Ibiddi hatattamaan guba jedhameera. Gabaasni ministeera barnootaa dhiheenya kana baase akka jedhutti, yeroo baayyee sababan balaa ibiddaa kun, qoricha sammuu namaa hadoochu fayyadamuu fi garmalee walitti qabamuu irraa kan ka'edha.