Haleellaan Gidduu Kana Libaanonii fi Isiraa’el Gidduutti Geggeessame Wal-dhabdee Naannichaa Keessa Jiru Daran Hammeessa Sodaa Jedhu Uume

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Israa’el Wiixata kaleessaa Lebaanan keessatti hidhattoota Hizbullaah irratti haleellaa xiyyaaraa haaraa fi bal’aa gaggeessiteen, yoo xiqqaate namoota 580 ajjeesuu fi 1,600 ol madeessuu ministeerri Fayyaa kan Lebaanon ibsee jira. Oduu gabaastuun sagalee Amerikaa Kaatriin Jiipsan (Katherine Gypson) Waashingtan irraa akka gabaasteetti, haleellaan yeroo dhiyootti raawwatame sodaa waldhabdeen guutuu naannichatti babal’ata jedhu hammeessaa jira. Jaallannee tu dhiyeessa.