Lola Sudaan keessatti taasisamaa jiru irraa kan baraaramte magaala Poort Sudaan keessatti, manneen sagadaa Kiristaanaa jiraattota biyyattii kanneen qe’ee isaanii irraa buqqa’an hedduudhaaf bakka yeroof keessa qubatan ta’aniiru. Gabaasaan VOA Heenrii Wiilkins bakka geggeessaan amantii tokko, ofii isaaniitii nama qe’ee isaa irraa buqqa’e ta’anii hawaasa addunyaa irraa deeggarsa xiqqoo argataniin kanneen biroo gargaaruuf waan danda’an hunda gochaa jiran daawwachuun gabaasaa Tujubee Horaatu dhiheessa.
Poort Sudaan Keessatti Manneen Kiristaanaa Jiraattota Sababaa Waraanaan Qehee Ofiirraa Buqqa’aniif Yeroof Bakkawwan Qubataa Ta’anii Jiru
Your browser doesn’t support HTML5