Rippaabilika Samaalilaanditti Filannoon Pireezidaantii Roobii Dhufu Gaggeeffama

  • VOA

FAAYILII - Namoota sagalee filannoo kennan, Hargeessaa, Sadaasa 13, 2017.

Dhaabbileen siyaasaa sadii dorgommii filannoo pireezidaantii kanaaf kan dorgoman yommuu ta’u duula na filadhaa guutummaa biyyattii keessatti taasifamu guyyaa tokkoof qabaataniiru. Akka seera filannoo Somaaliilandiitti filannoon guyyaa lama yommuu hafutti sochii duula na filadhaa fi wal ga’iiwwan taasisuun dhorkaadha. Qonadaaloonni filannoo Somaaliilandi akka ibsanitti namoonni miiliyoona 1.2 ol filannoo pireezidaantii Roobii dhufu gaggeeffamuuf buufatalee filannoo 2648 tti sagalee kennuuf galmaa’aniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Rippaabilika Samaalilaanditti Filannoon Pireezidaantii Roobii Dhufu Gaggeeffama