Humnoonni Nageenyaa Kutaa Puntilaand ka Biyya Somaaliyaa Garee Shororkeessotaa Isilaamik Isteetis Irratti Tarkaanfii Fudhataa Jiran

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Biyya Somaaliyaa kutaa Puuntilaand keessaatti kan maandhefatee jiru garee shororkeesitootaa Islaamiik Isteets ykn isaa “IS” jedhamee beekamu irratti humnoottan nageenyaa kutaa Puuntilaandi tarkaanfii fudhachaa jiru.

Lola kutichaa keessatti garee IS wajjin taasifamaa jiruu fi haala garee sanaa ilaalchisee gabaasaan Sagalee Amerikaa kutaa gaanfa Afrikaa Haruun Maaruuf qondaala waraanaa mootummaa Somaliiyaa duraanii Birgaadeer Jeeneraal Ahimed Abdullaahii Sheek wajjin marii taasisee jira. Gabaasa marii kana irratti qophaa’ee Bafqaaduu Morodaattu tu dhiheessa.