Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo Eessa Bu’an?

  • Jaallannee Gammadaa

Abbaa Liiban Guyyoo Dabbasaa

Obbo Dabbasaa Guyyoo ykn Abbaa Liiban jedhamuun beekamu. Biyyoota Awuroopaa, Eshiyaa, Amerikaa fi Ardii gara garaa irra adeemuun argaa-dhageettii, seenaa akkasumas waa'ee Gadaa barsiisuun beekamu. Naayrobii keessaa eessa buuteen isaanii eega dhabamee torban lama caalee jira.

kan as buuteen dhabame Abbaa Liiban Dabbassaa Guyyoo

Obbo Dabbasaa Guyyoo Fulbaana 27 bara 2015 Nayroobii keessatti qophii Irreechaa kabajaa oolanii erga manatti galanii booda manaa ba’anii achuumaan hafan jedhu firottan isaani. Maatii fi hawaasii baqatoota Oromoo kan magaalaa Naayroobii Keessaa maanguddoo ganna 63 kana du’aa fi jireennalleen barbaadumatti jiran. Waajira Polisiittis Iyyanneerra jedhu .Garu homtuu hin argamne.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii maatii Abbaa Liiban Guyyoo waliin geggeessame dhaga'aa