Himannaan isaanii guyyaa kaleessaa addaan cituu kan himame Meejer Jeneeraal Kinfee Daanyew guyyaa hr’aa hidhaarraa hiikamaniiru. Ministirri haqaa Itiyoophiyaa guyyaa kaleessaa ibsa saba himaaleef kenneera kan jedhamerratti faayida uummataaf jecha daarikteera olaanaa Meeteek kan turan Mejeer Jeneraal Kinfee Daanyeew fi Pireezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee duraanii maqaa isaanii Abdii Illeedhaan beekaman turtii wagaa ja’aan booda hidhaarraa gadhiifamaniiru.
Meejer Jeneeraal Kinfee Daanyew guyyaa hr’aa hidhaarraa hiikamaniiru.
Akkasumas Miseensa mana maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa kan ta’anii fi miseensi dhaaba mormituu ABIN Dr Dassaaleeny Caannee Amajjii 22, bara 2016 A.L.I tti mana jireenyaa isaaiirraa qabamanii to’annaa poolisii jala kan turan guyyaa kaleessaa gadhiifamuu isaanii Abukaatoon isaanii mirkaneessaniiru.